latest News

#


#
2024-08-24

National Tree Planting Initiative

National Tree Planting Initiative

See More




#
2024-07-21

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif karoora ce'umsa waggaa 3 isaa ifa taasisuun hoggantootaa fi hojjetootaaf leenjii kenne.

Bara baajata 2016 keessatti hojiiwwan hojjatameen milkii fooyya'aa kan agarsiise Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif, karoora ce'umsa (Transformation) waggaa sadii itti aanu keessatti wantoota hojjatamuu qabu irratti hooggantootaa fi hojjatootaaf leenjii kennee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif erga hundaa'e waggaa 6 kan lakkoofsise yoo ta'u,jalqaba namoota 20 fi kaappitaala birrii miliyoona 4'n kan hundaa'eedha. Haata'u malee yeroo gabaabaa keessatti dameelee isaa babal'isuun abbootii aksiyoonaa kuma 14 fi kaappitaala waliigalaa miliyoona 400 horachuu isaa hoji gaggeessaan Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif kan ta'an Injiiner Warqinaa Guddisaa himanii jiru. Karoora waggaa sadii dhufan keessatti gurgurtaa gabaatiin sadarkaa biyyoolessaatti tarree kurnaffaa keessa galuuf,gurgurtaa birrii biliyoona 1 raawwachuuf kan hojjatamuudhas jedhamee jira. Waggoota sadan dhufan keessatti dameelee Koolleejjii Bizinasii fi Saayinsii Fayyaa Waliif Naannoo Gaambeellaa, Tigraay, Amhaara, Affaar, Naannoo Kibba Itoophiyaa keessatti kan eegalamuudha. Dabalataanis waggoota sadan dhufan keessatti namoota kuma 5 ta'aniif carraa hojii kan uumnu ta'a jechuun Injiiner Warqinaan kan dubbatan. Lafa kaaree kuma 5 bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa fudhachuun hospitaalaa fi warshaa qorichaa ijaaruuf adeemsa irra jirra jechuunis himanii jiru. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif dameewwan kanneen akka tajaajila fayyaa kilinikaa, raabsaa qorichaa, raabsaa meeshaalee yaala fayyaa, tajaajila laabraatoorii, barnootaa fi leenjii faarmaasii ,yaala fayyaa dhibee keessoo fi kanneen biroo irratti hojjachaa kan jiruudha. Koolleejjiin Bizinasii fi Saayinsii Fayyaa Waliif magaalaa Harar keessati eegalamee gara kutaa biraa keessattilleen banuuf karooraan hojjatamaa jira. Bara faranjoota 2030tti akka Lixa Afrikaatti dhaabbata filatamaa fi bu'a qabeessa akka ta'uuf akkasumas biyyoota biraa keessatti tajaajila keenya gurguruuf kaayyeffannee hojjachaa jirra jechuun Injiiner Warqinaan kan himan. Kaappitaalli Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jiru yoo ta'u hanga ammaatti abbootii aksiyoonaaf kaffaltiin kaffalame jiraachuu baatus ammaan booda kan kaffalamu ta'as jedhamee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif hojii cichoomina qabu hojjachuu isaatiin Yuuniversiitii 'Standford' irraa badhaasa beekamtii aragtee jira.

See More




#
2024-07-20

'Rakkoo fayyaa Hawaasaa keenya furuuf dhamaanee hojjachaa jirra':-Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif gamaaggama raawwii hojii bara 2016 magaalaa finfinneetti gaggeessee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif Dameelee gara 7 ta'an kan qabu yoo ta'u, itti gaafatamtoonni dameelee fayyaa waliif raawwii hojii kan bara 2016 maal akka fakkaatu gaabaasa godhanii jiru. Meeshaalee laabraatoorii sadarkaa isaa eeggate biyya alaatii galchuun hawaasa biraan gahuun fayyadamaa taasiisaa jirra jechuun itti gaafatamtoonni dameelee kanaa himan. Bara baajataa 2016 keessatti dhaabbilee 100 ol waliin ta'uun dhiyyeessii qorichaa fi tajaajila fayyaa kennaa turee jira. Waldaan aksiyoona fayyaa waliif kallattii hundaan qorichoota yaala fayyaa hawaasa biraan gahaa akka jirus himamee jira. Dameeleen Gurgurtaa raabsaa qorichaa fi meshaaleen yaala fayyaa kan bara kanaa bu'aa olaanaa galmeessanii jiru. Damee raabsaa qorichaan walqabatee dhiyyeessiin sharafa alaa rakkoo guddaa akka ta'e himamee jira. Gama humna namaa fi faayinaansiin ammoo waldaan aksiyoona fayyaa waliif yeroo ammaa kanatti namoota 140 ol ta'aniif carraa hojii dhaabbii uumuun hojjachaa kan jirudha. Dameeleen waldaa Aksiyoona fayyaa waliif babal'achuun isaa sadarkaa guddina dhaabatichaa kan ibsu tahuunis dubbatameera. Hojji qabatamaan hojjatamaa jiruun dhaabbani waldaa aksiyoona fayyaa waliif ummata biratti fudhatamummaa guddaa argatee jiras jedhamee jira. Qabeenyi keenya guddaan hawaasa keenya, kanaaf rakkoo fayyaa hawaasa keenyaa furuuf dhamaanee hojjachuu qabna jechuun Hojji gaggeessaan Olaanaa Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Injinar Worqina Guddisaa himani jiru. Giddu galli Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu kan magaalaa Harar keessa jiru tajaajila fayyaa gahaa ta'e ummataaf kennaa kan jirudhas jechuun Injinar Worqinaan himan. Meeshaalee fayyaa qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate alaa galchuun tajaajila fayyaa kana caalaa babal'isuuf akkasumas humna namaa kana caalaa dabaluun kan hojjannuu ta'a jechuunis himanii jiru. Deeggarsa gama mootummaa irraa taasifamaa tureef Injinar Worqinaan galateeffatanii jiru. Kolleejjiin Bizinasii fi Saayinsii fayyaa waliif damee Harar jiru hojii bu'aa qabeesaa ta'e hojjachuun akka naannoo Hararitti tokkoffaa bahuun badhaasa argatee jira, dabalataanis akka mootummaaiti ammoo Hayyama 'Masters Card' argachuu danda'ee jira jedhamee jira. Karoora bara 2017tti ammoo dhaabbanni baasii xiqqeessuun bu'aa guddaa akka argatuuf cimnee kana caala kan hojjannu ta'a jechuun Injinar Worqinaan kan himan.

See More




#
2024-05-14

Waldaan Aaksiyoona Fayyaa Waliif meeshaa yaala fayyaa ammayyaa Siitii Iskaan jedhamu Magaalaa Hararitti hojii eegalchiiseera.

Yeroo gabaaba keessatti hundaa'uudhaan fayyaa uummataatiif hojjachuun aantummaa isaa agarsiisaa kan jiru waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliif meeshaa yaala fayyaa ammayyaa sadarkaa isaa eeggate Siitii Iskaan jedhamu,baha Oromiyaa uummata Magaalaa Harariif dhiyeessee jira. Sagantaa dhiyeessi meeshaa yaala fayyaa Siitii Iskaan jedhamu kana irratti kan argaman itti aantuun pirezidaantii mootummaa Hararii kan ta'an Aadde Roozaa Umar yoo ta'an,rakkoo fi hanqinoota yaala fayyaa magaalaa Harar keessa jiru gaheen dhaabbilee fayyaa dhunfaa olaanaa ta'uu himanii jiru. Dabalataaniis dhaabbileen kanneen biroo akka waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliif uummata isaanii tajaajiluu danda'an mootummaan naannoo Hararii yeroo hunda simachuuf qophii ta'uu himuun, meeshaaleen yaala fayyaa kunneen dafanii gara hojiitti akka seenan gaafatanii jiru. Uummanni keenya kanaan dura sababa dhabamuu meeshaa yaala fayyaa ammayyaa Siitii Iskaanii irraan kan ka'e ,gara magaalaa biraatti deemanii akka yaalamaniifi baasii hin barbaachifneef saaxilamaa turanii jiru jechuun kan himan itti gaafatamaan biroo fayyaa mootummaa naannoo Hararii Obbo Yaasiin Abdulaayi,amma garuu meshaaleen kunneen karaa dhaabbata waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliifiin bitamanii magaalaa Harar galuun isaa rakkoo ammaan dura ture kan fureedhas jedhanii jiru. Waldaan Aaksiyoona Fayyaa Waliif gatii madaalawaan uummataaf tajaajila fayyaa kennaa jiraachuun barreessaan boordii waldaa Aaksiiyoona Fayyaa Waliif Dr.Jiinenus Galataa himanii jiru. Meeshaaleen yaala fayyaa kunneen yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti kan seenanii fi tajaajila fayyaa karaa ammayyoomeen hawaasaaf yeroo kamiyyuu caalaa kan hojjannuudha jechuun hoji gaggeessaan waldaa Aaksiiyoona Fayyaa Waliif Inj.Warqinaa Guddisaa himanii jiru. Koolleejjiin Saayinsii fi Bizinasii Fayyaa Waliif barattoota isaa sagantaa barnootaa meeshaalee fayyaa ammayyaan deggerameen kennuun kutannoon hojjachaa jiraachuu Diinii Koolleejjii Saayiinsii fi Bizinasii Fayyaa Waliif kan ta'an Obbo Mohaammad Yuusuuf himanii jiru. Meeshaaleen fayyaa ammayyaa waan guutamaa jiruuf kanaan booda rakkoo fayyaa hawaasaa furuuf cimnee kan hojjannu ta'a jechuun Daareektarrii Olaanaa Meedikaalaa gidduugalaa yaala fayyaa addaa Waliif Dr. Firaa'ool Abdii dubbatanii jiru.

See More




#
2024-02-21

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif gamaggama raawwii hojii baatii 6 gaggeessaa jira.

Waldaan Aksiiyoona fayyaa Waliif gabaasa raawwii hojii baatii 6 Magaala Finfinnee Hootela Iskaayilaayitti guyyaa har'aatti gaggeessaa jira. Baatiiwwan jahan darban keessatti milkaa'innii jajjabeessaan argamu isaa Itti gaafatamtoonnii fi Daareektaroonni dameelee Waldaa Aksiiyoona Fayyaa Waliif gabaasaa dhiyeessaniin himanii jiru. Dabalataanis milkaa'ina amma dhaabbatichi galmeessaa jiru gara fuula duraatti cimnee akka hojjannuu nu taasiisa jechuunis himanii jiru. Baatii jaha darban keessatti hanqiinni dhaabbaticha mudatan maal akka ta'e erga gabaasni dhiyaate booda gara fuula duraatti rakkoowwan akka hanqinaatti mul'atan xiyyeeffannaan kan hojjatamu ta'uu Itti gaafatamtonniifi Daareektaroonni dameelee Waldaa Aksiiyoona Fayyaa Waliif dubbatanii jiru.

See More




#
2023-09-09

Sirna Ebba

Sirna Ebba Koollejjii Saayinsii Fayyaa fi Bizinaasii Waliif fi Giddu-gala Ispeeshaalitii dhukkuba keessaa fi baqaqsanii yaaluu Waliif

See More




#
2023-09-09

Inauguration Ceremony

Welcome to Inauguration Ceremony of Waliif Health Science and Business College & Waliif Surgical and Medical Speciality Center

See More




#
2020-02-20

General Assembly

General Assembly

See More




#
2022-02-20

General Assembly

General Assembly

See More