News Details

#

#
WALIIGALTEEN SEENAQABEESSA WALIIN DALAGUU WALDAA AKSIYOONAA BAANKII GADAA FII WALDAA AKSIYOONAA WALIIF GIDDUUTTI GAGGEEFFAME

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliifiifi Baankiin Gadaa waliin hojjechuuf waliigaltee hojii waliif mallaateessan. Hoji gaggeessaa olaanaan Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Injineer Waarqinee Guddisaa dhaabbileen lamaan waliin hojjechuuf gara fuulduratti milkaa'na Walootiif kan hojjetan tahuu ibsanii tajaajila fayyaa hojjettoota Baankii Gadaaf kan kennan ta'u ibsaniiru. Dabalaataanis Waldaan Aksiyoona fayyaa waliif tajaajila beeksisaa gama Miidiyaatiin Baankii Gadaa wajjiin ni hojjeta jedhaniiru. Waldaan Aksiyoona fayyaa Waliif tajaajila Baankiin Gadaa kennu irratti fayyadamaa tahuuf qophii tahuus himaniiru. Hoji gaggeessa olaanaa Baankii Gadaa kan tahan obbo Waldee Bultoo hundeeffamni dhaabbilee lamanii wal fakkachuu kaasanii,gara fuula duratti tajaajila faayinaansiifi fayyadama Digitalaa kamiyyuu hojjettoota dhaabbata Waliifiif kan kennan tahuu himaniiru. Dhaabbileen lamaan gara fuula duratti walitti hidhamiinsan waliin kan hojjetan ta'uun ibsameera.

2024-12-10