Hospitaalaa guddaa fi sadarkaa isaa eegatte ijaaruuf kuttanno fi carraaqqii guddaa gaafata Hojjii gaggeessaa Hospitaala Waligalaa Waliif Dr Baayissaa Dibaaba Guraandhala 23/2025 Meeshaalee yaala fayyaa sadarkaa isaani eegatani fi qulqulina si'ataa qaban biyyaa alaa irraa galchuun tajaajila fayyaa guutee ta'e kennaa jira jechuun Hojii gaggeessaa Hospitaalaa Waliigalaa Waliif Dr Baayisaa Dibaabaa himani jiru. Hospiitaalli Waligalaa Waliif as ga'uu isaatiif birroon fayyaa Harar galata guddaa qaba jedhani jiru. Qaqabiinsi Hospiitaalicha baha Oromiyaa,Dirree Dawaa,Magaalaa Harar,Naannoo Somaalee fi kaneen biroos ni dabalataa jedhani jiru.
2025-02-23