News Details

#

#
'Rakkoo fayyaa Hawaasaa keenya furuuf dhamaanee hojjachaa jirra':-Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif gamaaggama raawwii hojii bara 2016 magaalaa finfinneetti gaggeessee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif Dameelee gara 7 ta'an kan qabu yoo ta'u, itti gaafatamtoonni dameelee fayyaa waliif raawwii hojii kan bara 2016 maal akka fakkaatu gaabaasa godhanii jiru. Meeshaalee laabraatoorii sadarkaa isaa eeggate biyya alaatii galchuun hawaasa biraan gahuun fayyadamaa taasiisaa jirra jechuun itti gaafatamtoonni dameelee kanaa himan. Bara baajataa 2016 keessatti dhaabbilee 100 ol waliin ta'uun dhiyyeessii qorichaa fi tajaajila fayyaa kennaa turee jira. Waldaan aksiyoona fayyaa waliif kallattii hundaan qorichoota yaala fayyaa hawaasa biraan gahaa akka jirus himamee jira. Dameeleen Gurgurtaa raabsaa qorichaa fi meshaaleen yaala fayyaa kan bara kanaa bu'aa olaanaa galmeessanii jiru. Damee raabsaa qorichaan walqabatee dhiyyeessiin sharafa alaa rakkoo guddaa akka ta'e himamee jira. Gama humna namaa fi faayinaansiin ammoo waldaan aksiyoona fayyaa waliif yeroo ammaa kanatti namoota 140 ol ta'aniif carraa hojii dhaabbii uumuun hojjachaa kan jirudha. Dameeleen waldaa Aksiyoona fayyaa waliif babal'achuun isaa sadarkaa guddina dhaabatichaa kan ibsu tahuunis dubbatameera. Hojji qabatamaan hojjatamaa jiruun dhaabbani waldaa aksiyoona fayyaa waliif ummata biratti fudhatamummaa guddaa argatee jiras jedhamee jira. Qabeenyi keenya guddaan hawaasa keenya, kanaaf rakkoo fayyaa hawaasa keenyaa furuuf dhamaanee hojjachuu qabna jechuun Hojji gaggeessaan Olaanaa Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Injinar Worqina Guddisaa himani jiru. Giddu galli Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu kan magaalaa Harar keessa jiru tajaajila fayyaa gahaa ta'e ummataaf kennaa kan jirudhas jechuun Injinar Worqinaan himan. Meeshaalee fayyaa qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate alaa galchuun tajaajila fayyaa kana caalaa babal'isuuf akkasumas humna namaa kana caalaa dabaluun kan hojjannuu ta'a jechuunis himanii jiru. Deeggarsa gama mootummaa irraa taasifamaa tureef Injinar Worqinaan galateeffatanii jiru. Kolleejjiin Bizinasii fi Saayinsii fayyaa waliif damee Harar jiru hojii bu'aa qabeesaa ta'e hojjachuun akka naannoo Hararitti tokkoffaa bahuun badhaasa argatee jira, dabalataanis akka mootummaaiti ammoo Hayyama 'Masters Card' argachuu danda'ee jira jedhamee jira. Karoora bara 2017tti ammoo dhaabbanni baasii xiqqeessuun bu'aa guddaa akka argatuuf cimnee kana caala kan hojjannu ta'a jechuun Injinar Worqinaan kan himan.

2024-07-20