News Details

#

#
Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Bizinesii Waliif barattoota marsaa jalqabaa isaa eebbisiise.

Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Bizinesii Waliif Kaampaasii Harariitti barattoota muummee Barnootaa idileetiifii fagootiin barsiiisqq ture guyyaa har'aa Magaalaa Harariitti eebbisiise. Sagantaa eebbaa kana irratii hoggantoonni Naannoo Hararii, hoggantoonni boordii Waldaa Aksiyoonaa Fayyaa Waliif, Maatin barattoottaa, abboottin amantaa fi jaarsoliin biyyaa hirmaataniiru. Walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Dr Geetachoo Jirenyaa Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Bizinesii Waliif qulqullina barnootaa olaanaan barattoota isaa kan barsiisuufi fuulduratti cimee kan itti fufu ta'u himaniruu. Hoji gaggeessan Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Injiner Warqinee Guddisaa Kolleejjiin Saayinsii Fayya fi Bizinesii Waliif dhaloota baratee fi dinagdeen of utube uumuufi cimee hojechaa jirachuu himaniruu. dabalataaniis Kolleejichi barsiisuu qofa osoo hin taane carraa hojii uumuudhaanis adda duree ta'u himaniruu. Kana malees Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif, Kolleejji Saayinsii Fayyaa Fi Bizinasii Waliif Damee isaa Harar keessatti dhaloota beekuumsaa fi Ogummaan Omishuudhaaf cichee hojjachaa jiraachuu hoji geegeessaan olaanaa Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif Injirer Warqinee Guddisaa ibsanii jiru. Sagantaa Eebbaa irratti argamuun haasaa kan taasisan biiroo BLTO Naannoo Harariitti hogganaa kutaa Karooraa Naannoo Harar Obboo Dambalaash Alam Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliifiif Deggarsa gama hundaan akka taasisan himanii jiru. Diinii Koolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Bizinesii Waliif obboo Mahaammad Naasii gama isaaniitin ammaa booda Kolleejjiin keenya barattoota bifa ho'a ta'en simatee barsiisuuf qophii ta'u himuun, barattoota fi Maatii barattootaan baga gammadan jedhaniiru.

2025-08-10