News Details

#

#
Waldaan Aaksiyoona Fayyaa Waliif meeshaa yaala fayyaa ammayyaa Siitii Iskaan jedhamu Magaalaa Hararitti hojii eegalchiiseera.

Yeroo gabaaba keessatti hundaa'uudhaan fayyaa uummataatiif hojjachuun aantummaa isaa agarsiisaa kan jiru waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliif meeshaa yaala fayyaa ammayyaa sadarkaa isaa eeggate Siitii Iskaan jedhamu,baha Oromiyaa uummata Magaalaa Harariif dhiyeessee jira. Sagantaa dhiyeessi meeshaa yaala fayyaa Siitii Iskaan jedhamu kana irratti kan argaman itti aantuun pirezidaantii mootummaa Hararii kan ta'an Aadde Roozaa Umar yoo ta'an,rakkoo fi hanqinoota yaala fayyaa magaalaa Harar keessa jiru gaheen dhaabbilee fayyaa dhunfaa olaanaa ta'uu himanii jiru. Dabalataaniis dhaabbileen kanneen biroo akka waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliif uummata isaanii tajaajiluu danda'an mootummaan naannoo Hararii yeroo hunda simachuuf qophii ta'uu himuun, meeshaaleen yaala fayyaa kunneen dafanii gara hojiitti akka seenan gaafatanii jiru. Uummanni keenya kanaan dura sababa dhabamuu meeshaa yaala fayyaa ammayyaa Siitii Iskaanii irraan kan ka'e ,gara magaalaa biraatti deemanii akka yaalamaniifi baasii hin barbaachifneef saaxilamaa turanii jiru jechuun kan himan itti gaafatamaan biroo fayyaa mootummaa naannoo Hararii Obbo Yaasiin Abdulaayi,amma garuu meshaaleen kunneen karaa dhaabbata waldaa Aaksiyoona Fayyaa Waliifiin bitamanii magaalaa Harar galuun isaa rakkoo ammaan dura ture kan fureedhas jedhanii jiru. Waldaan Aaksiyoona Fayyaa Waliif gatii madaalawaan uummataaf tajaajila fayyaa kennaa jiraachuun barreessaan boordii waldaa Aaksiiyoona Fayyaa Waliif Dr.Jiinenus Galataa himanii jiru. Meeshaaleen yaala fayyaa kunneen yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti kan seenanii fi tajaajila fayyaa karaa ammayyoomeen hawaasaaf yeroo kamiyyuu caalaa kan hojjannuudha jechuun hoji gaggeessaan waldaa Aaksiiyoona Fayyaa Waliif Inj.Warqinaa Guddisaa himanii jiru. Koolleejjiin Saayinsii fi Bizinasii Fayyaa Waliif barattoota isaa sagantaa barnootaa meeshaalee fayyaa ammayyaan deggerameen kennuun kutannoon hojjachaa jiraachuu Diinii Koolleejjii Saayiinsii fi Bizinasii Fayyaa Waliif kan ta'an Obbo Mohaammad Yuusuuf himanii jiru. Meeshaaleen fayyaa ammayyaa waan guutamaa jiruuf kanaan booda rakkoo fayyaa hawaasaa furuuf cimnee kan hojjannu ta'a jechuun Daareektarrii Olaanaa Meedikaalaa gidduugalaa yaala fayyaa addaa Waliif Dr. Firaa'ool Abdii dubbatanii jiru.

2024-05-14