News Details

#

#
Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif karoora ce'umsa waggaa 3 isaa ifa taasisuun hoggantootaa fi hojjetootaaf leenjii kenne.

Bara baajata 2016 keessatti hojiiwwan hojjatameen milkii fooyya'aa kan agarsiise Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif, karoora ce'umsa (Transformation) waggaa sadii itti aanu keessatti wantoota hojjatamuu qabu irratti hooggantootaa fi hojjatootaaf leenjii kennee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif erga hundaa'e waggaa 6 kan lakkoofsise yoo ta'u,jalqaba namoota 20 fi kaappitaala birrii miliyoona 4'n kan hundaa'eedha. Haata'u malee yeroo gabaabaa keessatti dameelee isaa babal'isuun abbootii aksiyoonaa kuma 14 fi kaappitaala waliigalaa miliyoona 400 horachuu isaa hoji gaggeessaan Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif kan ta'an Injiiner Warqinaa Guddisaa himanii jiru. Karoora waggaa sadii dhufan keessatti gurgurtaa gabaatiin sadarkaa biyyoolessaatti tarree kurnaffaa keessa galuuf,gurgurtaa birrii biliyoona 1 raawwachuuf kan hojjatamuudhas jedhamee jira. Waggoota sadan dhufan keessatti dameelee Koolleejjii Bizinasii fi Saayinsii Fayyaa Waliif Naannoo Gaambeellaa, Tigraay, Amhaara, Affaar, Naannoo Kibba Itoophiyaa keessatti kan eegalamuudha. Dabalataanis waggoota sadan dhufan keessatti namoota kuma 5 ta'aniif carraa hojii kan uumnu ta'a jechuun Injiiner Warqinaan kan dubbatan. Lafa kaaree kuma 5 bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa fudhachuun hospitaalaa fi warshaa qorichaa ijaaruuf adeemsa irra jirra jechuunis himanii jiru. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif dameewwan kanneen akka tajaajila fayyaa kilinikaa, raabsaa qorichaa, raabsaa meeshaalee yaala fayyaa, tajaajila laabraatoorii, barnootaa fi leenjii faarmaasii ,yaala fayyaa dhibee keessoo fi kanneen biroo irratti hojjachaa kan jiruudha. Koolleejjiin Bizinasii fi Saayinsii Fayyaa Waliif magaalaa Harar keessati eegalamee gara kutaa biraa keessattilleen banuuf karooraan hojjatamaa jira. Bara faranjoota 2030tti akka Lixa Afrikaatti dhaabbata filatamaa fi bu'a qabeessa akka ta'uuf akkasumas biyyoota biraa keessatti tajaajila keenya gurguruuf kaayyeffannee hojjachaa jirra jechuun Injiiner Warqinaan kan himan. Kaappitaalli Waldaa Aksiyoona Fayyaa Waliif yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jiru yoo ta'u hanga ammaatti abbootii aksiyoonaaf kaffaltiin kaffalame jiraachuu baatus ammaan booda kan kaffalamu ta'as jedhamee jira. Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif hojii cichoomina qabu hojjachuu isaatiin Yuuniversiitii 'Standford' irraa badhaasa beekamtii aragtee jira.

2024-07-21